Jump to content

Xurree Aannannoo

Wikipedia irraa
Ruda Xurree Aannannoo

Milky Way ykn afaan Oromoon " Xurree Aannannoo ykn Karaa Waraabessaa " walitti qabama ykn biifama urjiilee fi qaamolee samii adda addaati. Ballinni Ruda Xurree Aannannoo gara kiloo meetrira 1,000,000,000,000,000,000 ykn waggaa ifa 100,000 ykn 30 kiloopaaskaalii ta'a jedhamee tilmaamamama. Fageenyi fiixee tokko irraa gara fiixee isa kaaniitti (daayameetiraan) safarame waggaa ifa 100,000 dha. Urjiilee biiliyoona 100 hanga 400 gidduutti akka of keessaa qabu tilmaamameera. Ruda kana keessatti sirna Biiftuu ykn aduu giddu galeessa godhate jira.

Hundumti keenya ifa cofgoggeewwan giccisa baayyeetiin halkan dukkana samii qaxxaamuran argineerra. Kana Giriikonni durii Miilki-Weyii jechuun moggaasan. Misiirii fi Chaayinoota duriif malkaa garhawaa yommuu ta’u, Araboonnii immoo Darbuul tabbaanaa jedhuun kunis "Karaa Aananaawaa" dha.Afaan oromoon ammoo "Xurree Aannannoo Ykn malkaa garhawaa ykn Karaa Waraabessaa" jedhama.Saaybeerotni immoo akka maxhodhaa dunkaana samii keessatti ilaalu turan Durii jalqabee qorattootni waa’ee uumama isaa hubachuuf yaalii godhaa turan. Baay’een isaanii, kan akka Anaksaagooras bara Girikii durii keessa ykn Al Biruunii bara giddugaleessaa Pershiyaa keessa, urjiilee baay’ee walitti dhiyaataniin kan umameedha jechuun tilmaamanii turan.

Dabalataaf:

[gulaali | lakkaddaa gulaali]