Jump to content

Poortaalii:Teeknooloojii

Wikipedia irraa

Nabiyyii Muhammad [saw] Dhugumatti Faaruun hundi kan Rabbiiti. Isa ni faarsina, ni gargaarsifanna, araarama Isa kadhanna. Sharriwwan nafsee teenyaa fi hamtuwwan hojiiwwan keenyaa irraa Rabbiin eeggamna. Nama Rabbiin qajeelche kan isa jallisu hin jiru. Nama Rabbiin jallinna keessatti dhiise kan isa qajeelchu hin jiru. Rabbii Tokkicha shariika hin qabne malee dhugaan gabbaramaan akka hin jirre ragaa nan baha. Akkasumas, Muhammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta’uu ragaa nan baha.

“Yaa warra amantan! Sodaa dhugaa Rabbiin sodaadhaa. Muslimoota taatanii malee hin du’inaa.” Suuratu Aali-Imraan 3:102

Qajeelcha [fi seenaa] nabiyyi barachuun Muslimoota hundaaf dhimma garmalee barbaachisaa ta’eedha. Kaayyoolee baay’ee galmaan gaha. Isaan keessaa ijoon: Namummaa Ergamaa Rabbii (SAW), hojiwwan isaa, dubbiwwan isaa fi wantoota inni mirkaneesse beekun Isatti hidhachuu. Muslimni akka nabiyyi (SAW) jaallatu taasisu. Nuti yeroo Nabiyyiin Qureeshotatti daaw’a godhuu bira hin jirru. Kanaafu, akkamitti osoo isa hin beekin isa jaallachuu dandeenyaa? Kanaafu, karaan tokkichi nabiyyi (SAW) itti jaallatanii fi hordofan seenaa isaa (siiraa) barachuudha.

Seenaa Nabiyyii barachuu fi qo’achuu keessa, Nabiyyiin abbaa manaa akkami, hogganaa akkamii, bulchaa akkamii, barsiisaa akkamii, abbaa murtii akkamii, daa’i akkami, Zaahida akkamii akka ture beekna. Haala fi eenyummaa keenya osoo adda hin baasin hundi keenyayu seena Nabiyyii qo’achuu irraa faaydaa guddaa arganna. Daa’in (namni gara Islaamatti namoota waamu) maloota, marsaalee daaw’aa, marsaalee hundaaf karaa sirrii hordofuu qabu seenaa Nabiyyii (SAW) keessatti ni argata. Seenaa kanarraa wanti daa’in fayyadamu: namootaan akkamitti akka wal qunnamuu fi Islaamatti waamu, Nabiyyiin (SAW) jecha Rabbii oltaasisuuf humna guddaa akka baase itti dhagahamu, gufuwwanii fi rakkoolee isa qunname akkamitti akka too’ate, rakkoolee cimaa fi fitnaa fuundura dhaabbanni sirriin maal akka ta’e ni barata.

Barsiisaan-manatti ykn mana barnootatti ijoollee barsiisus seenaa Nabiyyii (SAW) keessatti nabiyyiin dhaloota hawaasa Musliima seenaa guddaa hojjatan akkamitt akka barsiise fi guddise ni barata. Dhaloonni jalqabaa harka nabiyyii irratti baratanii fi guddatan dhaloota hundarra gaarii ta’anii fi seenaa eenyullee hin hojjatin hojjatanii kan darbaniidha. Bahaa dhiya addunyaa keessatti adli (haqummaa) babal’isan.

Hogganaan waraanaas seenaa Nabiyyii keessatti (SAW) sirna jabaa wal qabate, tooftaa garmalee gadi fagoo fi cimaa ta’e, loltuu fi ummata karaa adda addaatin hogganu ni argata. Nabiyyiin (SAW) akkamitti haqaan akka hojjatu, ummata muslimaa tokko godhe fi hawaasa keessatti namoota gadhee akka munaafiqota waliin akkamitti akka jiraate ni barata.

Ammas aalimman (hayyoonni), Qur’aana hubachuuf seenaa nabiyyii (siiraa) qo’achuu qabu. Sababni isaas, seenaan Nabiyyii wanta Qur’aana keessa jiru hojiin agarsiisa, sababa aayan itti buute ibsa, aayata baay’ee ifa godha. Kanaafu, kuni hundi Qur’aana hubachuu, murtiwwanii fi barnoota isa keessaa baasuu irratti isaan gargaara.

Ammas, daldalaan siiraa irraa kaayyoo daldalaa, karaa fi sirna itti daldalan barata. Namoonni rakkoolee fi qormaata adda addaan qoramaniis obsaa fi gadi dhaabbannaa guddaa sadarkaa ol’aanaa baratu. Karaa daaw’a Islaamaa keessatti jabeenyi isaanii ni jabaata, Rabbiin irratti hirkachuun isaanii ni guddata, xumurri gaariin warroota taqwaa qabaniif akka ta’e ni mirkaneefatu.

Ummanni siiraa keessatti adaba (naamusa) ol’aanaa, amaloota faarfamoo, amantii qulqulluu, ibaadaa sirrii, qulqullinna qalbii, karaa Rabbii keessatti qabsoo jaallachuu, karaa Isaa keessatti shahiidummaa (wareegamaa) barbaadu fi kan biroo baratu. Kanaafi, Ali bin Husseen (Rahimahullahu) akkana jedha: “Akkuma Qur’aana irraa suurah (boqonnaa) barannu duula Nabiyyis (SAW) barachaa turre.” Ammas, Ismaa’il bin Muhammad bin Sa’d bin Abi Waqqaas akkana jedha: “Abbaan kiyya duulaa Ergamaa Rabbii (SAW) nu barsiisaa fi nutti lakkaa’a ture. Akkanas jedha: tuni hambaa abbooti keessaniiti, kanaafu yaadannoo ishii hin gatinaa.” (Bidaayata wa nihaaya-2/242-Ibn Kasiir)

Siiraa nabiyyii barachuun ummata barsiisu fi motummaa ijaaru keessatti karaa Islaama fi Muslimoota ittiin jabeessan beekuuf hayyoota, hoggantoota fi abboota murtii ni gargaara. Guddinnaa fi kufaatiif wantoota sababa ta’an baru. Nabiyyiin akkamitti hawaasa Musliima akka ijaaranii fi tokko taasisan, mushrikoota fi kaafirotatti akkamitti akka duulee, Makkah gara Madiinah Hijraa (godaansa) tooftaa sirrii akkamitti akka baase ni barata. Kuni hundi diinatti akkamitti akka duulanii fi akkamitti diina jalaa akka bahan nama barsiisa. Siiraa keessaa barnoota himame hin dhumneetu jira.

Gabaabumatti ummata Muslima kanaaf dachii keessatti haala mijeessun, injifannoo fi jabeenyi isaaniif deebi’uu kan danda’uu qajeelcha Nabiyyii (SAW) yoo hordofaniidha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha: